Dhihana/Dhihaata Oromiffaa (Afaan Oronoo) / Oromo language lesson

Add to Favourites
Post to:
Comments
Presentation Transcript Presentation Transcript

Dhihana/dihaata1 (Lesson 1) :Qubee (Oromo Alphabet) : Dhihana/dihaata1 (Lesson 1) :Qubee (Oromo Alphabet) Qubee gurguddaa (UPPER CASE) A B C D E F G H I J K L M N O P Q R S T U V W X Y Z CH DH ZH YN ZH TS Qubee xixiqqaa (lower case) a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z ch dh zh ts Dubbachiisaa (VOWELS) A E I O U Dubbachiisaa (vowels) a e i o u

Seera barreessa qubee guddaa fi qube xiqqaa : Seera barreessa qubee guddaa fi qube xiqqaa Afaan Oromo kessatti - jalqabni sagalee:   maqaa namaa, maqaa ummattaa, maqaa biyyaa, maqaa lafaa, maqaa baatii, maqaa guyyaa fi akkasumas - Jalqabni dhaabii dubbii - kan tuqa (.) booddee dhufu hundumtuu qube guddaadhaan bareefamu. Kan kana irraa hafan hunduu qube xiqaa dhaan bareefamu. Fakkeeynaaf Maqaa namaa: - Gammachu, Hirkoosa, Abdata, Caaltu k.k.f. ittifufa …

Slide 3 : 2. Maqaa ummattaa: - Borana , Ka,rrayyu, Meecca (Macca) k.k.f. 3. Maqaa biyyaa: - Oromiyaa, Angoolaa, Amerikaa, Jarman, k.k.f. 4. Maqaa lafaa: a) maqaa tuluu: - Baattuu, Gaaraa Mul'ataa, Cilaaloo k.k.f. b) maqaa lagaa: - Haawaash (Awaash), Gannaalee, Gibee, Dhidheessaa, k.k.f. c) maqaa magaalaa: - Adaamaa, Bushooftuu, Finfinnee, Amboo, Dirree Dawaa, k.k.f. d) maqaa gandaa: - Guduruu, Jidda, Holotaa, Salaalee k.k.f. ittifufa …

Slide 4 : 5. Maqaa baatii (ji'a) 1. Amajjii (January) 2. Guraandhala (Feburary) 3. Bitootessa (March) 4. Ebla (April) 5. Caamsaa (May) 6. Waxabajjii (June) 7. Adoolessa (July) 8. Hagayya (August) 9. Birraa (September) 10. Onkoloolessa (October) 11. Sadaasaa (November) 12. Arfaasaa /Afraasaa (December) ittifufa …

Slide 5 : 6. Maqaa guyyaa (maqaa guyyaa torbanii): 6.1. Wiixata (Dafnoo, Hojjaduree, Isiniina) 6.2. Kibxata (Facaasaa, Lammaffoo, Balloo, Salaasa) 6.3. Roobii (Arbii/Arbaa) 6.4. Kamisa 6.5. Jimaata/Jimmata 6.6. Sambata/Sanbata (Sambat'xinaa, Sambataduraa, Sabtii) 6.7. Dilbata (Sambata-guddaa, Alhada)

Slide 6 : Hikaalee Tarkaanfii (Operational Definitions) jechoota/dubbiilee hubannoo barbaachisu (words/phrases to know) jecha (word) dubbii (phrase) hima/hima guutuu (sentence/independent clause/independent sentence) hima irruu (subordinate clause/dependent clause) birkiilee himaa (sentence parts) godhaa/hojjataa (subject/action doer) godhamaa/huji simataa (object/action receiver) ida’a (compliment) godhaa fi duuchaa /goolabaa isaa (subject and predicate) dhihana/dhihaata (lesson) Dhihana/Dhihaata 2 (Lesson 2)

Hima (Sentence) : Hima jechuun yaada guutuu marraa takka kennamu. Qubee guddaan jalqabee tuqaan dhuma. Himni birkiilee sadih qabaachuu qaba, hima guutuu tahuuf: godhaa/hojjataa (subject), goosi (verb) fi godhamaa/huji simataa (object) yokaa ida’a (compliment). Fakkeenyaaf: Bakar biddeena nyaate. godhaa godhamaa goosii Tolaan aanan dhugee. godhaa godhamaa goosii Kallachi barsiisaa dha. godhaa ida’a goosii Biiftuun baratuu dha. odhaa ida’a goosii Hima (Sentence)

Himni qubee guddaan jalqabee tuqaan/dhaabiin (.) dhumuu qaba. Itti ida’ees, kutaalee lama qabaachuu qaba: godhaa fi duuchaa /goolabaa isaa (subject and predicate) : Fkf:    1. Ol’aanaan hiraata/irbaata nyaate. godhaa duuchaa/goolabaa            Suutumeen wallistuu beekamtuu dha. godhaa duuchaa/goolabaa Gadaa Araaraa barsiisaa dha. godhaa duuchaa/goolabaa Golli Kubbaa Miila Oromiyaa moohe. godhdaa duuchaa/goolabaa Himni qubee guddaan jalqabee tuqaan/dhaabiin (.) dhumuu qaba. Itti ida’ees, kutaalee lama qabaachuu qaba: godhaa fi duuchaa /goolabaa isaa (subject and predicate)

Aaynaa/Hira Himaa (sentence types) Himni karaa lamaan hirama: hujii hojjatuun (function) yokaa jaarmaya isaatiin (structure) 1. hujiin (function): himata (statatement); gaaffii (question); ajaja/gorsa (command); fi ajaa’iba/raajii (exclamation). 2. jaarmayaan (structure): hima leexaa (simple sentence); hima dachaa/cimdii (compound sentence); fi hima makhaa/makaa (complex sentence) : Oromiffaan (Afaan Oromoo) hima aaynaa/hira afur gurguddaa karaa lamann hora. 1. Himata (Statement) Himni kun, wanna godhamu, hojjatamu fi wan ta'u ka agarsiisuu dha. Himni kun hima suduuda/eeyyina (affirmative sentence) yokaa hima faallaa/ganuu (negative sentence) tahuu ni dandaya. Fakkenyaaf: - Odaan nama gaarii dha. (hima suduuda/eeyyina) - Bashoon hantuuta qabde nyaatte. (hima suduuda/eeyyina) - Arra oduun hinjirtu. (hima faallaa/ganuu) - Inni arra bakka yaa’ii hinturre. (hima faallaa/ganuu) Aaynaa/Hira Himaa (sentence types) Himni karaa lamaan hirama: hujii hojjatuun (function) yokaa jaarmaya isaatiin (structure) 1. hujiin (function): himata (statatement); gaaffii (question); ajaja/gorsa (command); fi ajaa’iba/raajii (exclamation). 2. jaarmayaan (structure): hima leexaa (simple sentence); hima dachaa/cimdii (compound sentence); fi hima makhaa/makaa (complex sentence)

Slide 10 : 2. Gaaffii Gaaffiin hima waa gaafatuu dha. Qubeen guddaan eegalee, mallattoo gaaffiitiin dhumuu qaba. Fkf. - Eenyu maqaan kee? - Hiraata/Irbaata nyaattee? - Abbaa Gadaa (Prezedaantii) Oromiyaa ka duraa ka tahuu eenyu? 3. Ajaja yokaa Gorsaa Ajajni yokaa gorsi, hima nama tarree lammaffaatti (second person) himamu. Qubee guddaan jalqabee tuqaan dhumuu qaba. Fakkeenyaaf: - Ol ka’ii. - Laaqana kee fidachuu hinirraanfatin. - Gadi taa’ii. - Herri yoo si irrati jigee fudhachuun dirqama keeti. - Ulfaadhu. Ulfaadhu! (asitti waan booda ibsinuutu hira) - Yaaboo, tamboo, jimaa, fi farshoo firraa dhiisi.

Slide 11 : 4. Raajii Himni raajii, qubee guddaan jalqabee, mallattoo raajiitiin dhumuu qaba. Raajiin hujii heeduu/baayyee hojjata: waa ajaa’iibuu, si’aahinsa garsiisuu, waa jifachuu, wkf - O’oo! Ni mi’aawa! - U’uu! Dirmadhaa! - Akka itti nama gamnachiisu, oddoo agartee! - Hujii boonsaa hojjate, abboo! - Uf, kun maal ja’aa! Himni akkaataa ammala jaarmayaatti akka itti hiramuu, dhihana torbaan dhufuu keeysatti laalla.

Want to learn?

Sign up and browse through relevant courses.

Name:
Your Email:
Password:
Country:
Contact no:


Area code Number
Subjects you are interested in:
Word verification: (Enter the text as in image)


Sign Up Already a member? Sign In
I agree to WizIQ's User Agreement & Privacy Policy
Kallacha Odaa
A right place to learn ESL and Oromic is here!.
User
4 Members Recommend
6 Followers

Your Facebook Friends on WizIQ

Give live classes, create & sell online courses

Try it free Plans & Pricing

Connect